Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaalee Oromiyaa Keessatti Hojii fi Tajaajilawwan Banamaniyuu Hidhaan Itti-fuee  Jira, Jedhama  


Faayilii - Magaala Amboo
Faayilii - Magaala Amboo

Jalqaba torban dabree irra ajjeefamuu artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa tii booda mormii ka'een wal-qabatee namoonni 156 ol du’uu Koomishiniin Poolisii Federaalaa akkasumas Biiroon Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa beeksisee jira.

Manneen daldalaa, waajiraaleen hojii fi tajaajilli geejjibaallee Finfinnee fi magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti akka addaan citanii turan ka gabaasamee ture har'aa garuu tajaajilawwan hedduun banamuu isaanii, gabaasaan VOA, Naakor Malkaa himee jira. Tajaajilli interneetii garuu ammallee hin banamne.

Gama biraatiin immoo hoogganootaa fi miseensota gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee Finfinnee, Amboo fi Naqamte keessatti namoonni hedduun hidhamuu, Naakoor maatii namoota hidhamanii, hooggana ABO fi aangawoota mootummaa dhimmi isaa ilaallatu dubbisuun VOAf ibsee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Magaalaalee Oromiyaa Keessatti Hojii fi Tajaajilawwan Banamaniyuu Hidhaan Itti-fuee  Jira, Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:26 0:00


XS
SM
MD
LG