Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-murtii Muummichi Galmee Qabeenyaa Maallaqa Prezidaant Traamp Akka Ilaallamu Murtteesse


Manni-murtii muummichi, kan Yunaayitid Isteetis abbootiin alangaa galmee qabeenyaa maallaqa prezidaant Traamp akka fuudhanii ilaalan murteesseefii jiran.

Murtii ka biraatiin garuu, ogeeyyiin herregaa fi baankiileen Traamp maallaqa keessa ka’ate, hanga manni-murtii waa’ee dhimma sanaa murtii kennutti galmeelee maallaqaa sana qorattoota mana-maree bakka-bu’oota uummataatti kennuu diduu ni danda’u jedhama.

Kan waggootaaf qorannaa Koongiresii Yunaayitid Isteetsii fi qorannaa uummataa irraa galmeelee maallaqa isaanii dhorkanii turan - prezidaant Traampiif murtiin wal-makon kun haga tokko akka mo’amuu ti, jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG