Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoota Humnoota Wal Taatotaa NATO Afgaanistaan keessaa 28 COVID-19n Qabaman


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Loltootoonni Joorjaa kanneen gurmuu NATO Afgaanistaan keessaa jiran 28 vaayiresii koronaan qabamuun isaanii gabaasamee jira.

Loltoonni kun biyya ofiitti ergmuu dhaan hospitaala waraanaa keessatti wal’aansa fayyaa argataa kan jiran ta’uu sabaa himaaleen naannoo ministrii ittisaa maqaa ministrii ittisaa Joorjaa maqaa dha’uun gabaasee jra. Haalli fayyummaa loltoota kanaa gaarii ta’uu illee gabaasichi tuqee jira.

Dubbi himaan wal taatota waraanaa kanneen Afgaanistaan keessaa ibsa kana ilaalchisuun yaada akka kennaniif gaaffii VOAn dhiyeesseef angawoota ministrii ittisa Joorjaa akka gaafatu ibsaniif.

Joorjaan biyyoota 38 kanneen gurmuu NATO Afgaanistaan keessa jiraniif loltoota edduu hgumachite jirti. Afgaanistan keessaa hanga jimaata har’aatti namoonni 34,000 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen 1,000 ta’an immoo du’aniiru.

Angawoonni eegumsa fayyaa Afganistan garuu lakkoobsi kun sababaa dandeettiin qorannoo geggeessuu biyyattii murtaa’aa ta’eef jecha kana caalaa heddummaachuu danda’a jechuun akeekkachiisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG