Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaadderri Ameerikaa Kan Zimbaabwee Keessatti Jeeqamni Akka Uumamu Yaalii Godhu Jechuun Himatte Zimbaabween 


Amaasaaddera Yunaayitid Isteetis, Birayaan Nikolaas
Amaasaaddera Yunaayitid Isteetis, Birayaan Nikolaas

Paartiin biyya bulchu kan Zimbaabwee biyyattiitti amaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Birayaan Nikolaas seerawwan biyyattii tuffatan jechuu dhaan gamasii akka ba’an dhaadatte.

Dubbi himaan paartichaa Paatrik Chinamasaa tuuta oduuf Haraaree keessatti ibsa kennaniin yoo Nikolaas gochawwan kan akka jeeqama deggeruu, hookkara qindeessuu fi lootee seentummaa leenjisuu itti fufu ta’e hoogganni paartii biyya bulchuu ajaja itti kennuuf boodatti hin jedhu jedhan.

Yaadi Chinamaasaan kennan kun Yunaayitid Isteetis gareeleen mormitootaa hiriira mormii Jimaata geggeessuuf karoorsan kan qixxummaan dinagdee haa jiraatu, mootummaan malaammaltummaa haa dhaabuu fi prezidaant Emmerson Mnaangagawaa aangoo haa gadhiisan jedhu deggertge isa jedhutti fuuleffate.

Haleellaan jechootaa kan paartii ZANU-PF ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis irratti darbame Ameerikaan hiriirri farra mootummaa karoorfame utuu hin ga’in guyyoota sadii dura jeeqama biyyattii keessaa maallaqaan deggerte qeeqa mootummaatti aansuun ture.

Dubbi himaan mormitootaa Jaakoob Ngarivhuumee akka jedhanitti hiriirri mormii kun Zimbaabwee dhaaf murteessaa dha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG