Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kallattiin Fuul-duraa Ergama Bitamtoota Fashaleessu Dha: Prezidaantii Bulchiisa Naannoo Amaaraa


Prezidaantiin bulchiisa naannoo Amaaraa, warreen yeroo adda addaatti akka naannoon Amaaraa jeeqamu taasisan, namoota bakka biraatii dhufan otuu hin taane dhalattootuma naannichaa, bitamtoota ajandaa dabarsanii kennan, jechuudhaan kallattiin fuul-duraas ergama bitamtoota, jedhan kanaa fashalsiisuu akka tahe dubbatan.

Prezidaantichi bulchiisa naannoo Amaaraa – Obbo Tamasgeen Xuruneh, kan kaleessa xumurame gumii idilee kudha shanaffaa mana-maree mootummaa naannoo Amaaraa irratti kana dubbatan.

Manni-maree sun, gumii guyyoota lamaaf geggeesseen baajeta bara 2013, Birrii Biliyoona 62 fi qabxii 7 ka raggaasise yoo tahu, muudama hoogganaa Biiroo tokkoo fi kan abboota-murtii manneen-murtii muummichaa, ol’aanaa fi aanaalee walumaa-galatti dhibba tokkkoo fi toorbaatamaas raggaasisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG