Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Gumuz Keessatti Gurmuun Hidhate Namoota 14 Ajjeese Jedhame


Bulchiisa naannoo Benishaangul Gumuz, aanaa Gubaa keessatti Roobii dabre jehuun Adoolessa 27, bara 2020, gurmuun hidhatan dhalatoota Amaaraa irratti haleellaa raaw’ataniin lubbuun namoota 14 du’uunii fi ka biroon 6 madaa’uu, Daarekatarri Biiroo Dhimmoota Koomunikeehsinii Mootummaa naannoo Amaaraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Aangawichi Obbo Gizaachew Xiruneh, ibsa kennaniin, “kan gochaa sana raaw’ate, fiinxaaleyyii ergamtoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayi” jedhan. Namoonni haleellaa sanaan miidhaman, kanneen VOAn dubbise, halellaan sun adda-addummaa sabummaatti ka xiyyeeffate tahuu dubbatan.

Itti-aanaa ittii-gaafatamaan Biiroo Bulchiisaa fi Nageenyaa – Obbo Abdulaaziz Mohammed garuu, haleellaan sun kan sabummaa irratti hundaa’ee geggeessame miti. Hidhaan laga Abbayaa bishaaniin guutumuu hordofee, milkaa’ina sana danquuf jechaa, ergamtoonni raaw’atani, jechuun – Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG