Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Yunaaytid Isteets Keessatti Sababa Vaayrasii Koronaatin Hojii Dhaban Gargaaruu Irratti Mariin Godhamu itti Fufeera


Angawoonni masaraa Waayit Haawus fi miseensoonni paartii Demokraatotaa Olaanoon Har'a Marii Itti Fufanii Jiru.

Namoota sababaa weerara vaayrasii koronaan kan ka'e hojii dhaabaniif gargaarsa kennamuu qabu irratti dubbachuuf jecha marsaa sadaffaaf har'a wal argan.

Ministeerri maallaqaa kan Yunaaytid Isteetes Stiveen Manuchiin marii sa'atii tokkoo fi walakkaa booda Kibxata kaleessaa akka ibsanti kaayyoon keenya guyyoota dhufan kana keessatti yaada dhiyaatan xumuruun torban dhufu kongreesnii sagalee akka irratti kennu gochuu dha.

Waliigalteen hangii tokko jiraatuus dhimmootii akkaan barbaachisoo ta'an irratti waliigaltee irraa fagoo jirra jechuun bakka buutonni Demokraatootaa kanneen walgahii kana irratti dhiyaatan beeksisanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG