Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konkolaachistoonni Oomisha Biyya Alaa Gara Itiyoopiyaa Galchan Keellaa Gumruka Dirree Dhawaatti Danqamne Jedhu 


Konkolaachistoonni konkolaataawwan gurguddoo 200 kanneen zayitii nyaataa fi sukkaara deddeebisan kan mootummaan to’atamu bakka sakatta’aatti danqamuu isaanii dubbatan.

Konkolaachistoonni kun zayitaa fi sukkaara dilaalaan alaa deddeebisaa turan. Ministriin daldalaa kanneen kun daldalaaf kana biyyatti galchuu danda’u jechuun eeyamee, booda irra immoo gurgurtaaf korporeeshinii mootummaatti gatii gad aanaa dhaan gurguruu qabdu ittiin jedhee jira.

Daldaltoonni kun immoo kana diduu dhaan konkolaataan isaanii magaalaa Dirree Dhawaa keessatti guyyoota 15f danqamuu isaa dubbatan. Sukkaarri baqee, zayitiinis dhangalaa’aa jira jedhaniiru. Konkolaachistoonnis maallaqa fixaniiru jedhanii jiran. Angawoonni dhimmi to’annaa meeshaalee alaa galanii immoo ajaji kan nuuf dhufe ministrii daldalaa biraa ti jedhan.

Gabaa irra kan jiru hanqina dhiyeessii sukkaraa fi zayitii nyaataa tasgabbeessuuf miinisteerri dhaldalaa Adoolessa 3 qabee kanneen kan akkasii alaa galchan dilaala male akka galchan eeyamee ture. Akkuma kanaan daldaltoonni kun Jabuutii fi Somaaliilaand irraa oomisha kana bitanii gara biyya keessatti galchuun raabsuu jalqabanii turan.

Guyyoota 15 booda garuu konkolaachistoonni biyya ka biroo kutanii dhufan yeroo yerootti keellaa gumruka Dirree Dhawaa keessa fe’umsa isaanii waiin akka dhaabatan dirqamuu isaanii daldaltoonni oomisha kana alaa galchan ibsaniiru.

Dhimma kana irratti ministriin daldalaa deebii akka kennaniif yaaliin godhe hin milkoofne jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG