Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irraa Lakkoobsi Namoota COVID-19n Du’anii Kuma 900 Guute    


Lakkoobsi namoota COVID-19 du’an addunyaa irraa 900,000 darbee ennaa jiru kanatti hayyuun dhukkuboota daariqaa Yunaayitid Keessaa,kampaniin talaallii koronaa yaaliif dhiyeessu AstraZeneca’n yaalii sadarkaa addunyaa kan talaallii sanaa rarraasee jira jedhan.

Hoogganan waaltaa biyyoolessaa kan dhukkuboota alerjii fi daariqaa Dr.Antonii Faawuchii gaaffii fi deebii caasaaa oduu CBS jedhu waliin geggeessaniin akka jedhanitti sababaa yaalii talaallii sadarkaa adda addaa qabaachuun barbaachisaa ta’eef ibsuun barbaachisaa dha jedhan.

Briteen keessa kan maadheffate kampaniin dawaa guddichi yaalii talaallii kanaa kan addaan kute sababaa kanneen fedhiin talaallii yaaliif dhiyaate dhukkubsataniif jecha. Kun ta’uun isaa nama gaddisiisa kan jedhan Fawuchiin, yaalii isa hafe itti fufu jedheen abdadha jedhan. Garuu hin beekamu. Qorannaa itti dabalaa geggeessuu qabu jedhan.

Kampanichi ibsa Kibxata darbe baaseen akka jedhetti yaalii addaan kutuun tarkaanfii yeroo mara yeroo namoonni talaallii sana fudhatan dhukkubsatani. Ennaa qorannaa geggeessinutti talaalliin yaalii sun amansiisaa ta’uu isaa mirkaneeffanna jedhee jira.

Talaalliin kun sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa irra kan ture yoo ta’u Yunaayitid Isteetis, Briteen, Brazii, Afriikaa Kibbaa fi Hindii dabalatee biyyooti hedduu keessatti yaalame.

Namoonni talaallii kana fudhatan akkaataan dhukkuba isaanii maal akka ta’e kampanichi hin ibsine garuu New York Times akka gabaasetti namoonni talaallii yaalii sana fudhatan kanneen Briteen keessaa dhibee lafee dugdaa dhiitessu kan yeroo hedduu daariqa vaayiresiin dhufuun qabaman, garuu gazixaan kun akka jedhetti dhibeen kun kallattiin talaaltti AZD1222 jedhamu kan yaaliif fudhataniin wal qabachuun isaa hin beekamu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG