Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffii Haadha Murtii Mana Murtii Mummichaa Amerikaa Kamiisa Borii Uummataaf Banaa Ta'a


Waahiloonni hojii, hiriyyonnii fi diqiisiifattonni haadha murtii mana murtii mummichaa Yunaaytid Isteetes kan du'an botana Ruut Bedeer Ginisberg har'a yeroo dhumaaf kabajaa qabaniif ibsaa jiru.

Saanduuqii reeffa Ruut baatuu har'a ganama gara gamoo mana murtii mummichaatti kan geeffame yoo ta'u maatii fi waahiloonni hojii sirna addaa gaggeessanii jiru.

Saanduqii kun Kamiisa borii uummanni akka ilaaluuf banaa ta'a.

XS
SM
MD
LG