Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Tramp Lakkoobsa Baqattoota Ameerikaa Seenanii Murtaa’aa Akka Ta’u Fedhuu Isaa Beeksise 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Bulchiinsi Tramp lakkoobsa baqattoota Yunaayitid Isteetisiin seenanii waggaa bajataa bara 2021tti gara 15,000tti gad cabsuu kunis har’a Onkoloolessa tokko akka jalqabu kan fedhan ta’uu beeksisee jira. Lakkoobsi kun erga prezidaant Doonaald Tramp bara 2017 keessa aangootti dhufanii as waggaa waggaatti kan gad cabaa jiru bakka bu’a.

Bara 2020 keessa bulchiinsichi lakkooba kana 18,000, ta’uu kan beeksise yoo ta’u, sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e sagantaan kun dhaabbachuu dura baqattoota 10,892 biyya ishee akka seenan eeyamtee jirti. Sagantaan baqattootaa kan jabanaa kun bara 1980 keessa kongiresii dhaan raggaasisame.

Ennaa bulchiinsa Baaraak Obaamaa baqattoota 70,000 85,000 tu ameerikaa akka seenan eeyamamaa ture.

Baqattoota Ameerikaa keessa qubachiisuun himannaan kan irratti baname prezidaantiin tajaajila immigration fi baqattootaa kan Luteraan Krish Vignaaraajaah akka jedhanitti lakkoobsa baqattootaa murteessuun kun naamusa itti gaafatama keenyaa kan akka biyyaatti dhaabanneef gatuu dha jedhan.

XS
SM
MD
LG