Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaaleen Shan Kan Naannoo Gama Kibbaa Naannoo Tokko Tolfachuuf Walii Galuun Ibsame 


Naannoo Itiyiipiyaa 11ffaa ta’uu mala kan jedhame kibba gama dhiyaatti kanneen argaman godinaaleen shanii fi aanaan addaa tokko waliin ta’uu naannoo tokko hundeessuuf gaaffii mana maree federeeshiniif dhiyaate sagalee guutuun raggaasisame.

Waggaan shanaffaan paarlaamaa gumii ja’affaa gggeessaa kan jiru manni maree federeeshinii uummanni Itiyoopiyaa kibba gama dhiyaa gaaffii waliin ta’uun naannoo uummachuu dhiyeessaniif hojii raawwachiisuu boordii filannoo biyyoolessaatiin murtii uummatan akka hunddeeffamu yaadi dhiyaates murtii argatee jira.

VOA waliin gaaffii fi deebii kan geggeessan afaan yaa’iin mana maree godinaalee Sanaa jiraattonnii fi bakka buutonni uummataa gaaffii heeraa barootaaf ukkaamamee ture yeroo gabaabaa keessatti deebii ni argata jedhanii aka hin yaadin dubbatan.

Uummati naannoo Sanaa kana dura irra ga’aa kan ture rakkoo qixxummaa, bulchiinsa gaarii dhabamuu, misoomaa fi haqaa hiikamuun amantii nutti hore jedhan jedha Yonatan zebdwos Hawaasaa irraa.

XS
SM
MD
LG