Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prez. Traamp Vaayrasii Koronaan Qabamuun Fuulleffanaa Dula Na Filadhaa Jijjiirera


Trump COVID talks
Trump COVID talks

Filannoon prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis geggeessamuuf ennaa baatii tokkoo gadi hafee jiru kanatti, prezidaant Traamp irratti vaayiresiin COVID 19 argamuun, fuuleffannaa duula na filadhaa gara dhimma vaayirasichaa irratti wal-falmuutti deebise.

Bulchiinsi Waayit Haawus akka prezidaantichi hatattamaan vaayirasicha irraa dandamatan agarsiisuuf ka carraaqqii gochaa jiru taheyyuu, gareen duula filannoo prezidaantichaa immoo dhukkubichaan qabamuu isaanii akka bu’aa duulicha keessatti sagalee-kennitoota hawatuutti itti fayyadamuuf hojjetaa jiran.

Prezdiaant Traamp, eega Wixata dabre kana, bakka wal’aansa Vaayirasii Koronaaf galfamanii turan – Hospitaala waraana biyyoolessaa biyyattii – Walter Reed National Millitary Medical Center – jedhamuu ba’anii gara Waayit Haawusitti deebi’anii booda, akka nama wayyaa’ee hojii isaatti deebi’uuf qophaa’eetti of agarsiisaa jiran.

XS
SM
MD
LG