Kutaa South Dakta bakka qabiyyee lammiiwwan Ameerikaa Pine Ridge jedhamu keessaa jireenyi baay’ee ulfaataa fi balaafmaa dha. Ijoollee durbaa fi dubartoota gameeyiifis abdiin jiru xiqqoo dha. Garuu dubartoonni gosa Lakootaa jedhamuu jireenya isaanii hegereef murtoo godhachuu dhaan dubartoota dhaloota haaraaf carraa banaa jiran.
Peeshensii fi obboleettiin isee AJ Yunaayitid Isteetis keessaa hawaasa hiyyeeyyii bakka Pie Redge jedhu kan kutaa South Dakota keessa jraatu.
Patience umuriin ishee waggaa kudhani is ten years old. Yeroo hedduu maatiin ishee waliin waan hin jiraanneef jireenya ishee irra hedduu firoottan ishee biratti dabarsite. Peeshen akka jettitti Yeroo hedduu gara akkawoo koon dhaqa. Waggaa lamaaf na gargaarte. Isa dura eessuma kootu na gargaaraa ture. Inni immoo ni du’ee, mana barnootaa Red Clove jedhu cinatti awwaalame. Yeroo tokko tokko bakka sana dhaqeen ilaala. Nan gadda waan ta’eef yeroo hedduu hin dhaq jette. .
Akaakayuun Peeshens baatilee hedduuf hojii utuu hin argatin turan. Ho’a ibsaa irraa maddu argachuun qaalii waan ta’eef qoraan bobeeffatu.
Akaakayyuun Peeshens akka jedhanitti nuti asitti baandii Oglaalaa Lakootaa ti. Sababaa dirqiisiisamuun ka birootti makamneef eenyummaan keenya bade jedhan Gosi Lakootaa jedhamu gafarsa adamsuun beekamu. Dirreewwan kana irra waggoota kumaan laka’amaniif asii fi achi deemaa turan. Xumura jaarraa 19ffaa hanga walakkeessa jaarraa 20ffaatti gosooni kun jiraattota naannoo waliin akka wal makaniif pooisiin federaalaa Yunaayitid Isteetis isaan dirqisiise. Ijoollee gosoota Lakotaa fi gosoota kanneen biroo mana isaaniitii akka ba’an poolisiin dirqisiisee, akkasumas sirna aadaa isaanii akka isaan hin geggeeffannee fi afaan dhaloota isaaniin akka hin dubbanne dhorke. Qonnaa irratti boa’anii bakka qabatanii jiran akka jiraatan dirqisiisaman.Lammiiwwan Ameerikaa duraanii bakka Ridge jedhamu keessa jiraatan mirga hanga tokko argataniiru. Garuu hedduun amma iyyuu jireenya hamtuu ta’e sana keessa jiraachuu filatu. Bakki Pine Ridge jedhamu kun akkaataan teessuma lafa isaa moggaatti ba’ee kan jiruu fi qabnyaan jirus hagas kan hin taanee fi yakki bakka itti heddummaate. Hoji dhabiinsi dhibba irraa harka 80. Dawaa sammuu adoochuu fi dhugaatiin alkoolii, ijoolleen durbaa bakka achi buuteen dhabamuu fi humnootiin nagaa eegsisan dhabamuun qaamuma jireenya isaanii ti