Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Isaayyaas Afewarqii Hidhaa Proojektoota Laga Abbaayaa Guddichaa fi Gibee Afuraffaa Daawwatan


Bara kana hojii hidhaa Laga Abbayaa irratti geggeessamu murteessaa tahuu muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimad dubbatanii jiran. Hojiin hidhaa sanaa sadarkaan inni amma irra jiru gammachiisaa tahuus eeranii jiran.

Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed, kan yeroo ammaa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa keessa jiran – prezidaantiin Ertiraa, Isaayyaas Afewarqii waliin har’a hojii Hidhaa Laga Abbayaa guddichaa fi hojii Hidhaa Kooyishaa yokaan Gibee afuraffaa daawwatanii jian.

Televiiziyoonni Itiyoophiyaa gabaasuu isaa eeruun Melleskaachew Ammahaa, Finfinnee irraa akka gabaasetti hidhaan laga Abbayaa bara kana keessa bishaan hamma baachuu danda’u irraa dachaa sadii dabalee baachuuf dandeettii qabaata jedhamee eegama.

Hoogganoonni lameen kaleessa fi har’a ganama, Itiyoophiyaa keessatti proojektiilee misoomaa adda addaa daawwatanii jiran. “Akka qaama daawwannaa proojektiilee misoomaatti, muummichi-ministaraa Abiyyii fi prezidaant Isaayyaas, Madda Annisaa Elektrikii, ka Gibee sadii daawwatan,” jechuun, duraan waajirri muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa fuula Faasbuukii isaa baasee jira.

XS
SM
MD
LG