Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp fi Baayiden Kutaalee Wal Dorgommiin Filannoo Itti Cimu Irratti Fuuleffatan


Prezidaant Doonaald Tramp erga COVID-19 qabamanii akkasumas erga doktoorri isaanii kana booda vaayiresicha ka birootti akka hin dabarsine itti himee booda yeroo jalqabaaf duula filannootti ennaa deebi’an kun turban isa jalqabaa ti.

Filannoon ga’uuf torbanneen sadii hafee ennaa jirutti Trampii fi kaadhimamaan paartii dimokraatotaa Joo Baayiden deggrtoota isaani dadammaqsuuf jecha kutaalee biyyattii wal dorgommiin itti cimu keessa naanna’aa jiran.

Flooridaa qabee hanga Ohiotti deggertoonni kaadhimamtoota isaanii cina hiriiraa jiran. Kutaalee biyyattii wal dorgommiin itti cimu Flooridaa keessatti Tramp erga COVID -19n qabamanii kan geggeessan duula filannoo jalqabaa irratti kanneen hirmaatan ho’i qaama isaanii ilaalamee jira.

Kaadhimamaan prezidaantummaa ka paartii dimokraatotaa Joo Baayiden immoo akkaataa Tramp dhukkuba kana itti qaban qeeqaniiru.

Traamp fi Baayiden Kutaalee Wal Dorgommiin Filannoo Itti Cimu Irratti Fuuleffatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG