Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Prezidaantummaa Ugaandaaf Dorgomuuf Jiran Boobii Waayin Humnootiin Nagaa Eegan Waajjira Koo Weeraran Jedhan 


Boobii Waayin
Boobii Waayin

Kan prezidaantummaa Ugaandaaf dorgoman gosa muuziqaa pop jedhamuun beekamanii fi namni siyaasaa Bobi Wine, humnootiin naga eegumsaa waajjira isaanitti marsuu dhaan galmlee fudhachuu isaanii tuqanii kun duula doorsisaa mootummaan raawwatu jedhan.

Wine tweeter irratti barreessuu dhaan maqaa isaanii dhugaa Robert Kyagulanii ta’e, angawoonni naga eegumsaa meeshaalee ka biroo maqaan hin dha’amin duraa fudhachuu isaanii beeksisan.

Waraannii fi poolisiin waajjira keenya kan Kamawokiyaa keessaa weeraran. Waajjira keenya cabsuu dhaan galmeelee barbaachisoo fi meeshaalee kanneen biro fudhatan. Jaalleewwan keenya hangi tokko madaa’aniiru.

Ejensiiwwan naga eegumsaa filannoo dura loogii isaan agarsiisaa jiran foolii gaarii hin qabu jedhan. Wine, kan waggoota 34f biyyattii Afriikaa dhiyaa hoogganan bulhiinsa Yuweerii Museveenii xumuraan ga’uuf akeekkatanii ka’an.

Erg isaan fedhii prezidaantii ta’uu mul’isanii qa

bee poolisii fi waraanni biyyattii hiriira isaan waaman irra deddeebi’uun bittimsuu fi deggertoota isaanii reebaa fi hidhaa jiran.

Ugaandaan waggaa dhuftu baatii Guraandhalaa keessa filannoo biyyoolessaa geggeeffachuuf jirti.

XS
SM
MD
LG