Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arjentiinatti Lakkoofsi Namoota COVID-19 Qabanii Miliyoona Darbe


Arjentiinaa keessatti lakkoobsi namoota Vaayirasiin Koronaa irratti argamee miliyoona tokkoo ol tahuun isaa waan mirkaneessameef jecha, addunyaa irratti tarree shanaffaa seentee jirti.

Ragaaleen Yunivarsitii Joons Hopkinsiin walitti-qabaman akka agarsiisanitti biyyi Ameerikaa gama Kibbaatti argamtu - Arjentiinaan Yunaayitid Steetis kan lakkoobsa namoota vaayiresichaan qabamaniin Miliyoona 8.2 geesse, Hindii ka miliyoona 7.5 geesse, Braazil ka Miliyoona 5.2 geesse fi Raashiyaa ka Miliyoona 1.4 geessetti aantee tu sadarkaa shanaffaa jirti.

XS
SM
MD
LG