Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Keeniyaan tajaajila Mootummaan Kennamu “Ammayyeessaa” jirti’ – P. Keeniyaattaa


Pirezdentii Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyaattaa
Pirezdentii Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyaattaa

Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa, mootummaan biyyattii tajaajila ummataaf kennu ‘ammayyeessuu’ itti fufaa jedhan.

‘Keeniyaan tajaajila Mootummaan Kennamu “Ammayyeessaa” jirti’ – P. Keeniyaattaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:51 0:00

Keeniyaattaan tajaajilli mootummaa fooyya’uun dargaggootaaf hojii uummuu keessatti akka gahee qabu, fayyadamina teeknooloojiis akka fooyyessudha kan ibsan.

Keeniyaan tajaajila mootummaa biyyattiitiin ummataaf kennamu fooyyeffataa jirti. Dhuma torbee kanaa Pirezdentiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa, pirojektiwwan dargaggoota biyyattiitiin tajaajila mootummaa fooyyessuuf hojjetamaa jiran Damee Waajjira qabeenya bineensa Bosonaa Keeniyaa kan kutaa bulchiinsaTaaytaaveetaa jirutti argamuun ilaalanii jiru.

Dubbii yeroo kana dubbataniinis Keeniyaattaan, mootummaan akkas tajaajila kennu ‘ammayyeessuun’ dargaggootaaf carraa hojii banuufillee gaariidha jedhan. Dargaggoonni biyya jaallatan diinagdee biyyaa ammayyeessuu keessatti hirmaachuun guddina biyyaaf gaarii ta’uu eeranii, ammas ogeeyyiin biyyattii, ‘Maappii/ kaartaa qabeenya albuuda Keeniyaan qabdu agarsiisu qopheessaa jiraachuu ifoomsanii jiru.

Pirezdent Keeniyaattaan hojiin maappii kana qopheessuu bara dhufu kana akka xumuramus dabalanii ibsanii jiru. Itti aananii kan isaan dubbatan waa’ee lakkoofsa dhuunfaa mootummaan Keeniyaa lammilee biyyattiif qopheessaa jirudha. Lakkoofsi mootummaa biyyattiitiin kennamu ka ‘HUDUMA NAMBA” jedhamu mootummaa Keeniyaatiin ogeeyyii biyyattiitiin kan gaggeeffamuudha jedhan Keeniyaattaan. Lakkoofsa dhuunfaa lammii hundaaf akkasitti qopheessuun waan diinagdeen Keeniyaa gara ammayyummaatti saffisaan seenaa jiruuf ta’uus Keeniyaattaan dabalanii himanii, namootni siyaasaa fi qaamoleen kaan garuu odeeffannoo kana lammilee biyya alagaatu walitti qabaa jira ka jedhamee odeefafme haalanii jiru.

Lakkoofsi dhuunfaa kun yoo hojiirra oolu lammileen biyyattii tajaajila mootummaarraa fedhan kamuu, bakka tokkotti argachuu kan dandeessisu ta’uu, kana keessas waan tajaajila kanaaf barbaachisan

keessatti hirmaachuun dargaggoonni carraa hojii fi teeknooloojin wal baruu hedduu akka argatanidha Keeniyaattaa kan eeran.

Keeniyaan barana bara 2020 duula lakkoofsa ummataa ka gaggeessite yoo tahu, hojii lakkoofsa ummata biyyattii kanaaf ka hojiirra oolanii turan meeshaaleen hedduun biyyumatti kan omishaman ta’uu ministeerri Infoormeeshinii fi teeknoolojii biyyattii alas beeksisuunsaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG