Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Humnootiin Naga Eegisisa Hiriirtota Irratti Raawwataniif Haqi Ni Mirkanaa’a: Itti Aanaa Prezidaantii Naayijeeriyaa 


Itti aanaa przidaantiin Naayijeeriyaa Yemi Osinbajoo hiriirtota nagaa 12 anneen humnootii naga eegumsaan ajjeefaman ilaalchisuun gadda itti dhaga’ame ibsuu dhaa haqi akka mirkanaa’u waadaa seenaniiru.

Yaadi Osinbaajoon walitti aansuun roobii kaleessaa tweeter irratti barreessan dhukaasa kibxata galgala kutaa Leegoos keessatti raawwatame ilaalchisee yaada hoogganoota biyyattii biraa kenname jalqabaa ti.

Waa’ee hiriira mormii biyya isaanii dhuunfatee xiqqoo kan dubbatan Prezidaant Muhaammaaduu Buhaarii ibsa roobii kaleessaa kennanin waa’ee dhukaasa Lekkiitti raawwatame hin tuqne, garuu tasgabbiin akka bu’u gaafatanii, poolisii ilaalchisee jijjiirama akka godhan waadaa seenaniiru.

Jarmayaan mirga namaa Amnestii Internaashinaal kaleessa gabaasa baaseen SARS jedhamuun kan beekamu gareen poolisii farra saamichaa irratti hiriira mormii kibxata geggeessameen yoo xiqqaat namoonni 38 yoo du’an kanneen 56 immoo toranneen darban keessa du’aniiru.

Mootummaan garee SARS jedhu sana diigeera garuu, sun aarii jiru hin tasgabbeessine. Hiriirtonni hangi tokko kaleessa uggura sa’aa kaa’ame mormanii jiran. Kunis gara dhukaasa itti dabalaatti geessee jira, battala garuu miidhaan dhaqqabe hin turre.

Naayijeeriyaatti daayirikterri Amnestii Osaa’ii Ojighoo akka jedhanitti kibxata galgala maal akka uumame qoracuu dabalate loltoonni sun gamas akka dhaqaniif eenyu ajaja akka kenne baruu barbaanna jedhan.

Waraanni Naayijeeriyaa dhukaasa sanaaf itti gaafatama hin fudhadhu jedhee jira.

Nigeria’s military has denied responsibility for the shootings near the Lekki toll gates.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG