Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Trampii fi Itti Aanaa Prezidaantiin Duraanii Baayiden Wal Falmii Xumuraa Geggeessuuf Jiru 


Ripaablikaantichi prezidaant Doonaald Trampii fi momituun isaanii dimokraatotaa itti aanaan prezidaantii duraanii Joo Baayiden filannoon prezidaantummaa kan Sadaasa 3 utuu hin ga’in dura har’a galgala kallattiin wal arguun falii geggeessuuf jiru.

Kan umuriin isaanii 70moota keessa jiru kaadhimamtoonni lamaan falmii xumura baatii Fulbaanaa irra geggeessaniin irra deddeebi’uun haasaa walii addaan kutaa kan turan yoo ta’u irra caalaa Trampitu haasaa ture addaan kutaa turan. Xiinxaltoonni siyaasaa Ameerikaa hangi tokko falmii gaarii hin taane kan takkaa argamee hin beekne jedhan.

Falmii isa kana irratti komiishinni falmii prezidaantummaa kan dhuunfaa kaadhimamaan inni tokko hanga inni gaaffii gaazixeessituu caasaa oduu NBC Krister Weekeriin qophaa’ee fi kan dhimootii yeroo ja’a irratti fuuleffate deebisuuf daqiiqaa lama dubbatutti maayikii isa kaanii cufuuf jira.

Tramp ykn Baayiden yaada isaanii daqiiqaa lamaaf dhiyeessuun ennaa jalqaban inni tokko isa kaan yoo addaan kutuuf yoo hin yaalu ta’e, lammiiwwan Ameerikaa kanneen sagalee kennaniif hanga yoonaa eenyuun akka filatan hin murteessin jiran tarii yaada ifaa ta’e argachuu akka danda’an gargaara.

Erga falmii isa jalqabaa fi kan kamisa har’aa waltajjii Yuniversitii Nasille Tennesii irratti geggeessamuuf gidduu jijjiirama hedduutu ture. Falmiin torban lammataaf karoorfamee ture sababaa Tramp vaayiresii koronaan qabamanii guyyaa sadiif hospitaala turaniin kan ka’e haqamee ture.

Hundumaa caalaa lammiiwwan Ameerikaa hedduun kanneen miliyoona 43 ol ta’an ennaa weerara COID-19 kallattiin namoota waliin kallattiin akka wal hin argineef jecha sagalee filannoo isaanii poostaan erganii jiru. Dimokraatonni hedduun Baayideniif deggersa qaban ibsan Trampiin aango irraa akka ka’an fedhu. Ripaablikaanonni sagalee kennan immoo tuuta oduu akkasumas kanneen yaada uummataa walitti qabaniif yaada kennaniin, guyyaa filannoo argamanii kurna hedduuf filannoo biyyoolessaa Ameerikaaf aadaa kan ta’e irratti argamuu barbaadu.

Gaazixeessituun caasaa oduu NB Welker akka jettettikaadhimamtoota lamaaniif gaaffii dhimmi koronaa namoota Ameerikaa keessaa 221,000 ajjeesee, mata dureewwan ka biroo kan maatii Ameerikaa, loogii sanyii Yunaayitid Isteetis keessaa, jijjiirama qilleensaa, nageenya biyyoolessaa fi hooggana ilaalchisee kan dhiyeessitu ta’uu beeksiste.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG