Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baraak Obaamaan Kutaa Ijoo Taate Penselvaaniyaa Keessatti Baayideniif Duula Filannoo Geggeessan 


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Baaraak Obaamaan kaleessa kutaa filannoof ijoo taate Pensylvaaniyaa keessatti kaadhimamaa paartii dimokraatotataf ennaa duula filannoo dadammaqiinsaa geggeessanitti, prezidaant Doonaald Tramp hojii irra jiran dandeeyii sirriitti qabuu hin qaban jedhan.

Hiriira deggersa magaalaa Filadelfiyaatti geggeessame irratti kan argaman Obaamaan kan ennaa isaan aangoo irra turan marsaa lamaaf itti aanaa ta’uun tajaajilan Baayideniif duula deggersaa ennaa geggeessan kan jalqabaa ti. Doonaald Tramp mul’ata koo ni simatu, ykn imaammata koo itti fufsiisu jedhee yaadee hin beeku, garuu biyyattiif jecha hojii irra jiran sirriitti qabuuf fedhii ni agarsiisu jedhee abdadheen ture jechuu dhaan Obaamaan jamaa konkolaatawwan staadiyeemii keessa dhaabatan kanneen 300 ta’an keessa turaniif haasaa dhageesisaniiru.

Garuu hin taane jedhan Obamaan. Hojii ofii isaanii fi hiriyoota isaanii ykan hojii prezidaantummaa akka agarsiissa TV ilaalcha argachuutti fudhachuu malee ka biraa gargaaru hojjechuuf fedhii hin qabaanne jedhan.

Baayikedn kutaalee ka biro caalaa Penselvaaniyaa kan daawatan yoo ta’u, Tramp garuu kibxata darbe achi turan.

XS
SM
MD
LG