Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Torban Tokkotti COVID-19'n Namoonni Kuma 40 Du'uu Beeksise


Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa guyyoota torban dabran hanga kaleessaatti lakkoobsi namoota vaayirasii COVID 19n qabamanii guutummaa addunyaa irratti miliyoona lamaa fi kuma dhibba saddeet tahuu beeksisee jira.

Akka jaarmayichi idil-addunyaa kun jedhutti, lakkoobsicha haaraa ka torban tokkoo kana keessaa kanneen kuma afurtama tahan ni du’an.

Biyyoota keessaa, biyyoonni Awurooppaa torbanneen lamaan dabraniin lakkoobsa ol’aanaa qabatanii jiran ka jedhu – Jaarmayichi Fayyaa Addunyaa, “kanneen vaayirasichaan haarawa qabaman miliyoona tokkoo fi kuma dhibba sadii yoo tahu, ka durii wajjiin wal-bira qabamee ennaa ilaalamu dhibba irraa harka soddomii sadiin dabale,” jedha. Gabaasaan kun akka agarsiisutti biyyoota Ameerikaa, Meditriniyaan Bahaa fi Afrikaa keessattis lakkoobsi namoota vaayiresichaan qabamanii dabalee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG