Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ferensaayii fi Jarmaniin Uggura Sochii Haaraa Labsan 


Vaayiresiin koronaa haaraa ka’uun hoogganoonni Ferensaayii fi Jarmanii tamsa’ina vaayiresichaa dhaabsisuuf uggura sochii haaraa akka labsan dirqisiise.

Prezidaantiin Feerensaay Emmanu’eel Maakroon ibsa TV irratti dhiyaachuun kennaniin jimaata dhuftuu jalqabee ji’a tokkoof uggurri sochii guutuu biyyaa ni eegala jedhan. Maakroon akka jedhanitti manneen nyaataa, manneen dhugaatii, manneen bunaa fi daldalaawwan hin barbaachifne ka biroon ni cufamu. Lammiiwwanis hojii, suuqii fi mana yaalaa dhaquu qofaaf manaa ba’u jedhan.

Chaansilerittiin Jarmanii Angela Merkelis kaleessa hoogganoota kutaalee biyyattii 16 waliin erga mari’atanii booda tarkaanfii wal fakkaatu uggura sochii ji’a tokkoo labsaniiru. Itti dabaluu dhaanis manneen nyaataa fi dhugaatii, manneen spootrii itti hojjetan, manneen tiyaatiraa akka cufaman ajajaniiru. Kunis Wixata dhuftuu hojii irra oola.

Manneen barnootaa garuu banaa akka ta’an biyyoonni lamaan beeksisaniiru.

Uggurri kun kan labsameef Makroonii fi Merkel biyya isaanii keessatti weerarri COVID-19 haraa ka’uu isaa beeksisanii Jarmanii keessatti roobii kaleessaa namoonni kuma 15 vaayresii kanaan qabamaniiru.

Ferensaayii fi Jarmaniin biyyootii Awrooppaa hedduu kanneen yeroo baatii gannaa weerarri kun marsaa lammataaf ka’uu isaan uggura haaraa kaa’anitti dabalamaniiru.

Hamma kamisa har’aa ganamaatti addunyaa irraa namoonni miliyoona 44.4 vaayiresii koronaan yoo qabaman miiyoonni 1.1 immoo du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG