Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eega Walitti-bu'insi  Itiyoophiyaa Gama Kaabaatti Jalqabame Namoota Kuma 40 Tu Gara Sudaanitti Baqate: UNHCR 


Baqattoota Itoophiyaa, Baha Sudaan, Sadaasa 1, 2020

Eega walitti-bu’insi Itiyoophiyaa gama Kaabaa keessatti jalqabamee as uummatni Ityoophiyaa dheessuun Sudaan gama Bahaatti yaa’e yeroo ammaa 40,000 caaaluu isaa Jaarmayaan Baqattoota ka Tokkummaa Mootummootaa, UNHCR beeksisee jira.

Dhuma torban dabree irra dubartoonni, ijoollee fi dhiironni 5000 wal-waraansa Tigiraay keessaa dheessuu tu gabaasame.

Eega Walitti-bu'insi  Itiyoophiyaa Gama Kaabaatti Jalqabame Namoota Kuma 40 Tu Gara Sudaanitti Baqate: UNHCR
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Jaarmayaan Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa – UNHCR, jaarmayaalee gargaarsaa waahiloota isaa waliin tahuudhaan, nyaata dabalatee gargaarsawwan lubbuu baraarsaa namoota daran dhufaniif ka kennaa jiru yoo tahu, gama kanaan rakkoon loojistikii kan isa mudataa jiru tahuu fi humnaa ol ko’oommahuu isaa ibse. Dahoon qubannaa baqattoota baay’ee dabalaa jiran kana fuudhu hanqachuu dubbata.

Gama biraan, waa’ee uummata Tigraay keessatti qehee ofii irraa buqqa’ee achi jiruu fi hojjetoota gargaarsaa achi jiranii akka yaaddoo qaban ka ibsan – Dubbihimaan Jaarmayicha Dhimma Baqattootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – Babaar baalooch, “wahiloota keenya – jaarmayaalee Tokkummaa Mootummootaa kanneen biroo waliin tahuudhaan, qaamonni walitti-bu’insa sanatti hirmaatan nageenya namoota hidhannoo hin qabnee yokaan Siiviliif of eeggachuu irratti dirqama sadarkaa irra jiru akka bahatan waamicha dhiheessinee jirra,” jedhu.

Namoota rakkoo keessa jiran kana gargaarsa dhaqqabsiisuuf, akka jaarmayaalee gargaarsa namoomaaf karaan banamus irra-deebi’anii gaafachuu isaanii hubachiisan – Baaloochi.

Yeroo waraansichi deemaa jirutti, baqattoota Ertiraa Tigiraay keessa kuma dhibba tokkoof yaaddoon qaban dabalaa akka jirullee dubbatan. Jaarmayaaleen gargaarsaa bakka isaan jiran dhaqqabuuf karaa hin argatu taanaan, bishaan, dawaa fi nyaata dabalatee – gargaarsawwan barbaachisoo, yeroo baay’ee torban tokko keessatti dhuman achiin ga’uu dhabuun keenya guddaa nu yaaddessee jira – jedhu.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG