Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Maallaqa Ministrii Ittisaaf Kongresiin Ramade Ugguran  


Faayilii - Prezidaant Doonaald Tramp
Faayilii - Prezidaant Doonaald Tramp

Prezidaanti Doonaald Tramp roobii kaleessaa seera imaammata ittisa biyyaa kan waggaaf maallaqa ramadamu sagalee caalmaan kuffisanii jiran. Wixineen sun paartii lamaan kan Kongresii keessaa irra hedduu isaaniin kan deggeramu yoo ta’u kun Chaayinaa fi Rashiyaaf badhaasa kennuu dha jedhan Tramp.

Seerri eeyama ittisa biyyoolessaa sun sagantaa waraanaaf kan oolu doolaara biliyoon $740 kan eeyamu yoo ta’u miseensota waraanaaf dabla mindaa dhibba irraa harka sadii eeyama.

Afaaan yaa’iin mana maree Naansii Peloosii tarkaanfii Tramp kanaan loltoota keenya kan miidhu gocha maal na dhibdee ti ittiin jedhan.

Tramp sa’aatilee dhumaa hojii irra turan miseensota waraanaaf yeroo dheeraaf eegamaa kan ture dabala mindaa dhorkachuu , boqonnaa maatiiin keenya kaffaltii duukaa fudhatan dhorkuu, kunuunsa ijoollee, kan mana jireenyaa fi insuraansii fayyummaa maatii akkasumas bu’aa gadamoojjiiwwan waraanaa argachuu qaban dhorkatan jedhan pelosiin.

Uggurri prezidaantichi kaa’an kun biyyi keenyaaf ichoonni keenya haleellaa marsariitii irraanii dabalatee nageenya addunyaa eeguuf meeshaalee isaan barbaachisu akka hin arganne taasisa jedhan.

Kongresii fi senetiin seera kana sagalee irra jireessaan dabarsaniiru. Peloosiin akka jedhanitti manni maree bakka bu’ootaa uggura Tramp kana Wixata dhuftu ennaa wal ga’an ni garagalchu jedheen abdadha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG