Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hopkiinis: Addunyyaa Irratti Namoonni Miliyoona 83.5 Vaayirasii Koronaatiin Qabamaniiru


Guutummaa Addunyaa irratti lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii miliyoona 83 fi walakkaa ga’ee jira. Hospitaala Johns Hopkinisitti, waaltaan odeeffannoo Vaayirasii Koronaa har’a akka gabaasetti lakkoobsi namoota vaayirasichaan dhumanii immoo miliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeet ga’ee jira.

Yunaayitid Isteetis ammallee lakkoobsa namoota vaayirasichaan qabamanii fi namoota du’aniitiin addunyaa irraa sadarkaa tokkoffaa irra jirti. Namoonni biyyattii keessatti Vaayirasichaan qabaman gara miliyoona digadamaa ti. Kanneen du’an immoo kuma dhibba sadii fi kuma afurtamii shan – akka gabaasaan Joons Hopkins kun jedhutti.

Biyya Hindii keessatti lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaan qabamanii miliyoona kudhanii fi kuma dhibba lama, kanneen du’an immoo kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii saddeet.

Braazil keessatti immoo kanneen vaayirasichaan qabaman miliyoona toorbaa fi kuma dhibba jaha, kanneen du’an kuma dhibba tokkoo fi kuma sagaltamii shan.

XS
SM
MD
LG