Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Bulchiinsa Prezidaant Traamp Angoo Gadhisaa Jiru


Ministeera geejibaa kan turan Ileeyin Cha'oo aangoo ofii gadhiisuu isaanii Kamiisa kaleessaa beeksiisanii jiru.Kana malees ministeera barnootaa kan turan Beetii Devoos har'a aangoo gadhiisuu isaanii beeksiisan.

Kunis Roobii dabree deggertonni prezidaant Traamp gamoo fi naannoo mana maree Yunaaytid Isteetesti hokkara gaggeessan mormuun ta'uun beekamee jira.

Hogganaa garee sagalee yayyabaa kan seeneetaa Mich Makkonaaliif haadha warraa kan ta'an Cha'oon biyyi keenya haala suksnneessaa kan silaa ittifamuu danda'uutu ishee mudatee jedhanii Traamp hiriirtootaaf haasawaa eega dhageesisanii booda mana maree bakka bu'ootaa cabsanii seenan jechuun ibsa baasan.

Akkuma heedduu keessanii gocha kana callisee ilaaluu hin dandeenyees jedhan.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG