Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Poolisii Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis Angoo Gad-Lakkisan Qophii Ture Irratti Dubbatan


Kan taayitaa gad-lakkisaa jiran, hoogganaan Poolisii waajira mana-maree Yunaayitid Isteetis – Stiiven Sund torban dabre hookkarri waajiricha “US Capitol” jedhamu irratti geggeessamuu dura, loltoonni eegdonni biyyoolessaa yokaan “National Guard” akka qophaa’inaan eegan gaaffii dhiheessuu isaanii fi aangawoonni tika-nagaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa fi Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteetis keessa jiran gaaffii isaanii fudhachuu diduu dubbatan.

“Silaa loltoota Eegdota Biyyoolessaa yokaan “National Guard” achii qabna tahee, jarreen humnaan seenuu dhufan karaa irratti ittisnee, dhaabbatoota wahiloota keenya irraa hunoonni naga-eegumsaa dabalataa haga nuuf dhaqqabanitti eeguun ni danda’ama ture,” jedhan.

Qondaalli ol’aanaan eegumsaa Mana-maree Murtii Seeraa Yunaayitid Isteetis – Maayikil Istenger aangawoota eegumsa biyyoleessaatti karaa ajaja sirnaan hin taaneen akka isaan yoo tarii rakkoon uummameef jecha akka eegdonni dammaqinaan turan taasisan ittin dubbadha – jechuu isaanii kan eergan – Sund, qondaalli tika-nagaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunaatid Isteets – Pool Irviing immoo, deggertoonni prezidaant Traamp yeroo hiriira bahanitti, ajaja sirnaa ka yeroo hatattamaa baasuun maal fakkeessa – ka jedhu irratti akka miirri gaariin itti hin dhaga’amiin dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG