Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Looltoota Ishee Somaaliyaa Keessaa Baasuu Beeksiifte


Waaltaan ajaja Yunaaytid Isteetes kan Afrikaa keessaa(Africom) irraa dubbii himaa kan ta'an Koloneel Kristofar Kaams akka jedhanti qajeelfama baatii Muddee darbee waajiira prezoidaantummaa Amerikaa irraa kennameen kun hojii irra oole. Ajajii kennamees hanga walakeessaa baatii Amajjiitti xumuramuu qaba kan jedhu ture jedhan.

Yunaaytid Isteetes Somaaliyaa keessaa waraana 650-800 qabaataa kan turte yoo ta'u amma kan achitti hafan xiqqoo ta'uun ibsameera.

Yeroo achi turantis looltoota mootummaa Somaaliyaa deggeraa fi leenjii kennnaa turan jedhameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG