Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoota Eegumsaaf Bobba'an Qorataa Jirra: FBI

Joo Baaydiin Roobii dhuftuu yeroo kakatanii prezidaantii Yunaaytid Isteetes ta'anti nageenya eegsisuuf kanneen bobba'an qorataa kan jiru ta'uu waajirri Qorannoo Federaalaa beeksisee jira.

Miseensoota Eegumsaa bobbaafaman kuma 25 keessa "beekeettiin balaa geesiisan jiraachuu malu," sodaa jedhuuf waan kana agarsisuu mallattoon hin jiru jedhan aangawaan waraanaa Ryaan Maak kaartii.

Kana malees miseensoota garee eegdootaa gidduu rakkoon jiraachuu mallattoon agarsisuus hin jiru jedhan. Qorannaa kanas yeroo lammataa fi sadaffaaf itti fuufna jedhan.

Gabaasaaleen Tika nagaa akka agarsiisanti gareen alaa kan hiriira waraanaa guyyaa sirna kakannaa sana dura gaggeessuuf qophiin akka jiru dhageenyee jirra jedhan.

This item is part of
XS
SM
MD
LG