Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Raashiyaa Qeequun Namnii Beekamuu Naanaalany Hidhamee Jira


Baatii Hagayya darbee summiin dhukkubsatee Jarmaniitti kan gaggeeffamee fi ergasii as yeroo duraaf gara Raashiyaatti kan deebi'e Aleeksii Naavaalany Moskootti dirree xayyaaraa akka ga'een qabamee jira.

Yeroo inni gara Raashiyaatti deebi'uu isa waliin imalaa kan turan abukaatoon isaa eega inni qabamee booda isa waliin deemuu barbaadan iyyu kan dhorkaman yoo ta'u polisoota waan gurraachan fuula isaanii aguuggataniin fudhatamuu isaa beekamee jira.

Naavalaany qabamuu isaa gidduutti haadha warraa isaa dhungachuu isaa fi haga ammaatti eessa akka jiru kan hin beekamne ta'u ibsamee jira.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG