Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Maqaleetti Tajaajilli Bilbilaa fi Broodbaandii Eegalame, Jedha Itiyoo Telekoom 


(Suuraa faaylii)

Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti Tajaajilli bilbilaafi broodbaandii eegalamuu isaa akkasumas magaalolee akka Wuqiroo, Addigiraatii fi Idega Hamuusittimoo tajaajilli bilbilaa eegalamuu Dhaabbatni Itiyoo-Telekoomii beeksisee jira.

Hojii gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Aadde Fireehiwot Taammiruu akka ibsanitti sababa waraanaa naannoo Tigiraayitti uumameen tajaajila Telekoomii addaan citee ture eegalchiisuuf tattaaffiin godhamaa jira.

Itiyoo-Telekoom ji'oota 6'n darbaniif rakkoolee nageenyaa biyyattii bakka gara garaatti mudataniin wal-qabartee karoora qabatee ture keessaa dhibba irraa harka 95 qofa milkeesse, jedhan.

Magaalaa Maqaleetti Tajaajilli Bilbilaa fi Broodbaandii Eegalame, Jedha Itiyoo Telekoom
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00


XS
SM
MD
LG