Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Somaaliyaa Kan Keeniyaa Keessaa Ameerikaan Uggura Imalaa Kaasuu Isheetti Gammaduu Dubbatan 


Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen Keeniyaa keessaa prezidaant Joo Baayiden prezidaanticha duraanii Doonaald Trampiin kaa’amee kan ture uggura imalaa biyyoota irra jireessa musliimaa irra kaa’ame ka’uu isaatti gammaduu isaanii beeksisan.

Bakka bu’aa garee daldaltoota Somaaliyaa kan ta’an Omar Ahimed Noor akka jedhanitti sababaa Musliima ykn lammii Somaalee taate qofaaf gara Yunaayitid Isteetis akka hin deemne ugguramta. Sun amma ka’ee jira. kan haqaa ti, injifannoon kan biyyootaa fi addunyaa maraa ti jedhan.

Yunaayitid Isteetisitti jila keeniyaa kan turan Elkanaah Odeemboo uggurri sun barbaachisaa hin turre jedhan. waan hundee hin qabaannee ture garuu ni raggaasisan jedhan.

Xiinsaltoonni naga eegumsaa hangi tokko garuu uggurri imalaa ku ka’uun shorokeessoni miliqanii akka seenan sababaa ta’uu mala jedhu. Namoota gaarii ta’aniif balbala banu kanneen gaarii hin ta’inis faana bu’uu danda’u jedhaniiru.

Barattootaa fi tuuristoota akkasumas namoota daldalaa dabalatee uummara 43,000 ta’antu sababaa uggura kaa’ameen Ameerikaa akka hin seenne ta’uu isaanii qorannaan bara 2019 keessa waaltaa Bernan kan dhimootii haqaa NY keessa jiruutiin geggeessame beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG