Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Mooraa Baqattoonni Ertiraa Keessa Turan Lama Cufuuf Murteesite


Faayilii - Baqattoota Ertiraa buufata Hitsatsi keessatti leenjii fudhachaa turan, Tigraay, Sadaasa 9, 2017
Faayilii - Baqattoota Ertiraa buufata Hitsatsi keessatti leenjii fudhachaa turan, Tigraay, Sadaasa 9, 2017

Mootummaan Itiyoophiyaa mooraalee baqattootaa naannoo Tigiraay, aandaara daangaa Ertiraa irra jiran lama – Hitsatsii fi Shimalbaa cufuuf murteessee jira. Waa’ee cufinsa mooraalee lameenii, har’a ennaa Ministiriin Dhimma alaa Itiyoophiyaa fi Bulchiinsi Dhimma Baqattootaa fi kanneen Baqa irraa deebi’anii waliin tahuudhaan gaazzexeessotaaf ibsa kennanitti labsame.

Bulchiinsa Dhimma Baqattootaa fi kanneen Baqa irraa deebi’anii kan Itiyoophiyaaf daarektara ka tahan – Obbo Tesfaahun Gobezaay, “mooraaleen lameenuu ammaan dura cufamuu tuu irra ture. Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay waan dideef jecha haga ammaatti ture,” jechuu isaanii, Melleskaachew Ammahaa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG