Xurree ittiin seenan

Breaking News

Viidiyoo Haaraan Kan Hookkara Mana Maree Amajjii Ja’a Geggeeffamee Ba’ee Jira 


Haleellaa lubbuu galaafate kan biilsa mana maree bakka bu’ootaaf Yakka ilaalcha prezidaant Tramp ilaalchisee abbootiin alangaa kamisa har’aas dhimma isaa dhiyeessuuf jiru.

Miseensota dimokraatota mana maree kan of keessaa qabu gareen abbootii alangaa yakka ilaalcha kaleessaatiin suraa fi viidiyoo rifaasisaa kana dura hin mull’atin seneteroota abbootii seeraaf agarsiisanii jiran.

Viidiyon sun akka mul’isutti deggertoonni Tramp meeshaalee adda addaa qabatanii fi dhibbaan laka’aman deebisanii filatamuu dhabuu isaanii dhaabsisuu yaaluuf gara biilsa mana maree dhaquu dhaan weeraranii, manneen maree lamaanitti ol seenan. Kaan isaanii galmeelee seera tumtoonni lubbuu isaaniif ennaa dheessan dhiisanii deeman garagaggalchaa turan.

Kaan isaanii immoo, viidiyoon Amajjii ja’a waraabame akka mul’isutti itti aanaa prezidaantiin duraanii Maayk Peens ba’ii filannoo sanaa dura dhaabbachuu dhaban, isaanii fi Tramp waggaa afur itti dabalaaf aangoo irra akka hin turre danqan jechuu dhaan fannisuunii akka barbaadan dubbataa turan.

Kaan immoo afaan yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataa Naansii Peloosii barbaadaa turuu isaanii mul’isa viidiyooon sun. abbootiin alangaa akka jedhanitti ennaa sanatti bakka amansiisaatti geessamuu isaanii fi waahiloonni isaanii kaan immoo balbala cufamaa ka biroo keessa turan.

Yakka ilaalcha sana kan hoogganan keessaa miseensi mana maree kutaa Maryland Jamie Raskin akka jedhanitti Tramp hookara sana nama keessa hin beekne miti jechuun falman.

Raskin fi seera tumtoonni dimokraatotaa filannoon sun utuu hin ga’in torbanneen hanga tokkoof mannni maree akka weeraramuuf bu’uura diriirsaa turan, kan isaan filannoo sana injifachuu dhaban malli tokkichi yoo waliin dha’ame qofa jechaa turan.

Raskin akka jedhantti Tramp deggertoota isaaniin seera tumtoota kanneen mana maree dura dhaabbachuuf cimsitanii loluu qabdu jedhanii kakaasuun isaanii Amajjii 6 angawaa poolisii kan biilsa mana maree dabalatee lubbuun namoota shanii darbuuf sababaa ta’e jedhan. Ba’iin yakka ilaalcha kanaa kamiinuu haa ta’u, Tramp prezidantii Yunaayitid Isteetis tokkicha yeroo lama himannaan irratti dhiyaate.

Tramp ofi irraa akka ittisaniif yakka ilaalchatti akka dhiyaatan gaaffii dimokraatonni dhiyeessan fudhachuuf tole hin jedhin hafan, kanaaf ni dhiyaatu jedhamee hin eegamu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG