Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaanti Joo Baayidenii fi Prezidaantiin Chaayinaa Yeroo Jalqabaaf Bilbilaan Mari’atan 


Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden f
Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden f

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden fi prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinping kaleessa galgala bilbilaan mari’ataniiru. Baayiden erga filannoo Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis injifatanii as yeroo jalqabaaf mari’achuu isaanii ti. Baayiden, nageenyi uummata Ameerikaa, badhaadina, fayyummaa fi haala jireenya isaaniif dursa kan kennan ta’uu ibsanii fi biyyootii paasifik waliin hariiroon jiru illee banaa ta’uu isaa dubbachuu isaanii White House mirkaneessee jira.

Hoogganoonni lamaan weerara vaayiresii koronaa,jijjiirama qilleensaa fi Washington fi Beejiing to’annaa meeshaa waraanaa ilaalchisuun hirmaannaa ba’ii gaarii argamsiisan hojii irra oolchuu jechuun kan white house ibse irratti mari’ataniiru.

Akkaataa Beejiing jalqaba irra weerara vaayiresii Koronaa itti qabde kan angawoonni Chaayinaa irra deddeebi’uun ka biroo komatan ilaalchisees muddamn jiru hammaataa adeemuun illee beekamee jira.

Angawoonni akka jehanitti garuu Baayiden dhimmootii ijoo ta’an hedduu irratti cimsnii dubbataniiru.

Prezidant Baayiden shaakala dhimma dinagdee kan haqaa hin ta’iin Beejiing ilaalchisee yaaddoo jiru cimssanii ibsuu dhaan dhiittaa mirga namaa Beejiin keessaa, ukkaamsaa Hong Kong keessa jiruu fi Taayiwaaniin dabalatee naannoo sana keessatti hammaataa kan adeeme gochalee hamminaa ilaalchisee cimsanii dubbachuu isaanii ibsameera.

Adda addumaa jiru furuuf wal ta’iinsi gam lamaa barbaachisaa ta’uu Prezidaant Xi-n Baayideniif ibsaniiru.

Mariin hoogganoota lamaanii kan dhaga’ame Baayiden erga hoogganaa waraana walii galaa ta’anii as ministrii ittisaa daawwatani sa’aatilee hanga tokko booda.

Ennaa daawwannaa isaanii gama adda addaan ol ka’aa kan jirtu Chaayinaa dura dhaabbachuuf bulchiinsichi qophee ta’uu ibsanii waa mara jechuun tarsiimoo Yunaayitid isteetisii qabee dirqama akkasumas teknooloojii fi basaasaa irratti Beejiingiin ilaalchisee irra deebi’ee kan xiinxalu gurumuun tokko tolfamuu illee labsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG