Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Deeggarsa Mootummaa Walloo Keessatti Geggeeffame


Hiriirri Deggersa Hooggana Jijjiiramaa Walloo Keessatti Geggeessame

Mormitoonni Hiriirichaa Mootummaan Hiriira Isa Deggeru Qofaa Eeyamuun Sirrii Miti Jedhan

Muummicha ministeeraa Abiy Ahimedii fi hooggana jirjjiiramaa hiriirawwan deggeran naannoo Amaaraa Desee fi Walloo kibbaa godinaalee hawaasa Oromoo keessatti geggeessamuun ibsame.

Mootummaan Matakkalii fi naannolee adda addaa keessatti dararaa dhalattoota Amaaraa irratti geggeessamu akka ittisu gaafatan. Garee hidhattoota Iwehat irratti tarkaanfii dufhatameef injifannoo argame ni deggerra dhaadannoo jedhu qabatanii staadiyeemii Hoxee keessatti wal ga’an.

Kantiibaan magaalaa Desee Abbebee G/Mesqel, waggoota 30f uummata kan walitti naqu ta’e jedhamee afarfamaa waan tureef keesumaa dhalattoonni Amaaraa barootaaf naannolee jiraatan irraa buqqaafaman jedhan.

Gama biraan hiriirri sun geggeessamuu lammiiwwan morman, mootummaan ilaalcha ofii hundeeffachuuf qofaa hiriira ni eeyama yoo ta’e, dadhabina raawwatiinsa isaa fi jireenyi uummataa balaa irra bu’uu ilaalchisee hiriirri akka geggeessamu ennaa gaafatamu ni dhorka taanaan, akkaataa hojii isa duraanii irraa jijjiirraan jira jechuun akkamitti danda’ama jechuun gaafataniiru.

Hiriirri sun gulufi fardeenii fi agarsiisa spoortii adda addaan geggeessame. Duula waraanaa naannoo kaabaatti lubbuu kan dhabaniif illee kadhaannaan geggeessamee jira jechuun Mesfin Arage Dessee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG