Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awrooppaa Kanneen Fonqolcha Mootummaa Maaynamaar Keessaa Harka Qaban Irra Uggura Kan Kaa’u Ta’uu Beeksise


Ministeeronni haaja alaa gamtaa Awrooppaa har’a Brussels keessatti wal ga’uu dhaan kanneen Guraandhala 1 fonqolcha mootummaa waraanni Maaynamaar keessatti geggeesseef kanneen itti gaafatamoo ta’an irra uggura kaa’uuf murteessanii jiran.

Ministeeronni kun ibsa kennaniin, labsiin yeroo hatattamaa akka dhaabatu, mootummaan sivilii ka sinraa akka hundeeffamuu fi paarlaamaan haaraa filatame akka banamu gochuu dhaan muddamni ammma jiru akka tasgabbaa’u gamtaan Awrooppaa waamicha dabarsuu isaa beeksisan.

Fonqolcha waraanni geggeesse sanaaf deebii kennuuf jecha gamtaan Awrooppaa kanneen kallattiin itti gaafataman irratti fuulleffachuu dhaan tarkaanfii cimaa fudhachuuf qophee ta’uu ibsee jira.

Ministeeronni kun itti dabaluu dhaan Raashiyaan hoogganaa garee mormituu Aleksii Navaalnii hidhuu isheef uggura haaraa irra kaa’uu malu.

Hooggnaan imaammata alaa gamtaa Awroppaa Jooseef Booreel wal ga’ii sana dura tuuta oduuf ibsa kennaniin dhimma Mr. Navaalnii ilaalchisee murtii mana murtii mirga namaa Awrooppaa tilmaama keessa galchuu dhabuu ishee fi Raashiyaan gamtaa Awrooppaa waliin walitti bu’iinsa keessa jiraachuun ishee ifa galaa dha jedhan.

Ministriin dhimma alaa Jarmanii Heeyikoo Maas dhimma Raashiyaa ilaalchisee, uggurri akkasii akka kaa’amuu fi toora maqaa namoota dhuunfaa qopheessuu isa jedhu kan deggeran ta’uu beeksisan.

Raashiyaan walitti bu’iinsa sadarkaa addunyaa hedduu akka furtu barbaannaa, nutis gaaffii nuti ilaaluu qabnu jedhan. Hariiroon Raashiyaa fi gamtaa Awrooppaa gidduu jiru haala gad bu’aa irra ennaa jiru kanatti marii bu’a qabeessa geggeessuun attamiin danda’ama jedhan Maas.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken, wal ga’ii ministeeroa ji’a ji’aan geggeessamu har’a gama viidiyoon hirmaachuu dhaan dhimma Raashiyaan Navaalnii fi deggetoota isaa hiitee, fonqolcha mootummaa Maaynamaar, walii galtee Newklera Iran fi haala Honng Kong keessaa mari’atu jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG