Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Uummata Miliyoona Walakkaatti Siqu Sababaa COVID-19n Dhabde 


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Yunaayitid Isteetis sababaa COVID-19n uummata walakkaa miliyoonaa ta’u dhabuu ishee fi kunis biyya isa kamiinuu caalaa lakkoobsa namoota du’aii ta’uu waaltaan qorannaa Joons Hopkins beeksisee jira.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayien sababaa vaayiresihaan lubbuu namaa bade ilaalchisun har’a galgala White House irraa dubbatuuf jiru. Sana booda illee namoota dhuman yaadachuuf sirni calliinsaa fi dungoo qabsiisuu geggeessamuuf jira.

Kurna tokko booda uummati yeroo kana seenaa biyyatii keessatti yeroo hamaa daariqia ykn infekshinii ujummoo qilleensaan namoonn hedduun dhumuu isaanii dubbatuuf jiru jehuu dhaan hoogganaan waaltaa dhukkuboota daariqaa Dr. Antonii Faauchii dilbata kaleessaa CNNf dubbataniiru.

Waggaa tokko dura xaaliyaaniin biyyootii Asia keessaa vaayiresiin koronaa keessatti heddummaachuun ishee jalqabaa turte.

Bakka biroo Awrooppaa keessaa biyyoota gamtaa Awrooppaa hedduu keessatti duulli talaallii ifa taasisamuun talaalliin Astraa Zenekaa amansiisaa ta’uun odeeffannoo dogoggoraa ti jechuun angawoonni eegumsa fayyaa uummataa ibsuu isaaniin danqamee jira.

Gaazixaan Jarmanii Spiegel torban darbe akka gabaasetti talaalliin Astraa Zeneka 736,000 gara Jarmaniitti ergaman keessaa 64,869 qofaaa itti fayyadaman. Ogeessota eegumsa fayyaa dabalatii namoonni hedduun biyyootii gamtaa Awrooppaa talaallii Koronaa kan Astra Zenekaa fudhachuuf tole hin jedhi hafan. .

Akka gabaasa waaltaa qorannaa Joons Hopkinsitti addunyaa irraa uummata miliyoonni 111 koronaan yoo qabaman kanneen miliyoona 2.5 ta’an immoo du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG