Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Gama Kaabaatti Raayyaa Waraana Biyyaa Irratti Haleellaa Geggeessamuun Shakkaman Irratti Himannaan Banamuuf Jira Jedhame 


Faayilii - Miseensota raayyaa waraanaa gama kaabaa bataloonii 5ffaa karra dura dhadhaabbatan, Daanshaa, Itoophiyaa, Sadaasa 25, 2020
Faayilii - Miseensota raayyaa waraanaa gama kaabaa bataloonii 5ffaa karra dura dhadhaabbatan, Daanshaa, Itoophiyaa, Sadaasa 25, 2020

Raayyaa waraanaa gama kaabaa fi haleellaa Maaykaadiraa keessatti raawwatameen wal qabatee, kanneen sana harka qabu jehaman irratti torbanneen itti aanu himannaan kan banamu ta’uu gareen qorannaa labsii yeroo hatattamaa ibsee jira.

Dhimma kana waliin wal qabatee qorannaan geggeessamaa jiruu fi dhimmootii kanatti hidhata qaban ilaalchisuun ragaa odeeffannoo jiru illee ibsee jira.

Ibsa sanaanis gareen IWEHAT, raayyaa waraana biyyaa gama kaabaa irratti haleellaa raawwachuu isaatti aansee mootummaan duula seera eegsisuu geggeessuu isaas yaadachiisee jira. Qaamuma kanaa kan ta’ee fi naannoo sana keessatti yakkaawwan raawwataman jedhameen wal qabatees hojiin adda baasuu fi qorannaa, komiishina mirga namaa Itiyooopiyaa, poolisiin Federaalaa fi abbaa alangaa walii galaan geggeessamuu isaa hubachiisee jira.

Maaykaadiraa keessatti yakka raawwatameen wal qabatee shakkamtoonni 36 yeroo sadaffaaf mana murtiitti dhiyaataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG