Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duulli Farra Jibbeensaa Hawaasaa keessatti Jalqabame 


Obbo Ayyelee Adaatoo, barsiisaan Yuniversiii Hawaasaa fi hoogganaa duula geggeeffamaa jiru
Obbo Ayyelee Adaatoo, barsiisaan Yuniversiii Hawaasaa fi hoogganaa duula geggeeffamaa jiru

Gama adda addaan hawaasicha keessatti dagaage kan jedhan jechaa fi gocha jibbiinsaa dhababsiisuu dhaan yaada nagaa, tokkummaa fi jaalalaa wal simsiisuun hin danda’amu taanaan hundeen hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee biyyattii raafamuun itti fufa jechuu dhaan “ jibba dhaloota waliin wal jibbisiisuu” duula jedhu eegaluu isaanii barsiisaan Yuniversiii Hawaasaa fi hoogganaan duula sanaa obbo Ayyelee Adaatoo VOAf ibsaniiru.

Yaadi jibbiinsaa dhaloota gidduu dhaa baduu kan danda’u, kanneen jibba leellisan ittiin jedhan akka haala mijataatti itti gargaaraman kan jedhan adda addummaa falaasama gosaa, sanyii, amantii, afaanii fi siyaasaa miidha isaanii irra faayidaan isaan qaban akka caalu dhaloota amanee akka eebbaatti fudhatu uumuu yoo dandeenye qofaa ta’uu dubbatanii duula kana illee kan jalqaban kanumaaf ta’uu ibsaniiru.

Obbo Ayyelee Adaatoo itti gaafatamaa waajira prezidaantii Yuniversitii Hawaasaa yoo ta’an kana dura miseensa raayyaa waraana biyyaa kan damee gama kaabaa, ogeessa wal’aansa fayyaa fi banroota bulchiinsa uummataa nama baratan yoo ta’an, jibbiinsi Itiyoopiyaa gatii guddaa baasisaa kan jiru waan ta’eef duula dhaloota jibbiinsa waliin wal jibbisiisuu jedhu jalqabuu isaanii ibsaniiru.

Jibbiinsa irraa walaba ta’uun kan danda’amu adda addummaa qabnu akka eebbaatti fudhachuu yoo dandeenye qofa jedhan jedha Yonatan Zebdwos Hawaasaa irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG