Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abboonni Qabeenyaa Daangaa Itiyoopiyaa fi Sudaan Irraa Muddamni Hammaataa Deemuu Dubbatan


Daangaa Itiyoopiyaa cabsee seene kan jedhan dhimma waraana Sudaan mootummaan furmaata akka itti kennu investernoonni naannoo sanattii maallaqa baasan beeksisanniru.

Mootummaa Itiyoopiyaan kan deggeramu humni fi milishaan naannoo Amaaraa waraana Sudaan naannoo sana gad dhiisise ka jedhu illee dhugaa akka hin ta’in jiraattonni naannoo dubbataniiru.

Bakka Mettemmaa Yohaannis jedhu irra lafa hektaara 1300 irra sanyii midhaan adda addaa misoomsanii kan turan ta’uu kan dubbatan namni obbo Adderaajjew Asmaamaaw jedhaman VOAf akka himanitti Onkoloolessa 23 bara 2013 oomisha makaraa utuu jiranii raayyaan waraana Sudaan naannoo sana weeraruu ibsaniiru.

Waraanni Sudaan maasii isaanii kan weerare, raayyaan ittisa Itiyoopiyaa naannoo sana gad dhiisee erga ba’ee guyyaa lammataati ture jedhan.

Loltoonni Sudaan baabura midhaanii, meeshaa garaaajii fi meeshaalee adda addaa akkasumas boba’aa saamanii kan deeman ta’uu dubbatanii, sababaa weerara kanaan qabeenyaa qarshii miliyoona 26tti tilmaamamu dhabuu isaanii fi hojjettoonni 350 ol ta’an tamsa’uu isaanii ibsaniiru.

Bulchaan Gonder dhiyaa obbo Dessaaleny Xaasew, haalli daangaa Itiyoopiyaa fi Sudaan irra jiru hammaachuu isaaf loltoonni Sudaan kallattii afuriin gara km 40 daangaa cabsanii seenuu isaanii dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG