Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan To’annaa Jala Jiran Hooggantuun Maaynamaar Aan Saan Suu Shii Mana Yeroo Duraaf Mana Murtiitti Dhiyaatan 


Aan Saan Suu Shii fi miseensonni mootummaa sivilii Maaynamaar kanneen biroon Onkoloolessa 1 waraana biyyattiin aangoo irraa kaafamanii erga hidhamanii yeroo jalqabaaf har’a mana murtiitti dhiyaatan.

Abukaatoon maanguddoo umurii waggaa 75 kan Suu Shii gama isaaniin hooggantuun dhugaa aangoo irraa kaafaman, magaalaa galma mootummaa Nayapiyitaaw keessatti ennaa viidiyoo dhaan mul’atanitti haala gaarii irra jiru jedhan.

Abukaatooni isaanii akka jedhanitti ennaa yakka ilaalcha sanaa abbootiin alangaa yakkawwan haaraa lamaan kan isaan himatan ta’uu isaaf, kunnis uummata hookkaraaf kakaasuu yaaluu fi seera telekominikeeshiniin ala radio ittiin wal quunnaman of harkaa qabaachuu kan jedhu ture.

Suu Shiin durumaan radio quunnamtii hin galmeeffamne ja’a alaa galan, ennaa manni isaanii sakatta’ame argame, seera yeroo balaa hatattamaa biyyattii cabsuu dhaan ulaagaa COVI-19 irra darbuu dhaan wal ga’ii uummataa geggeessan jedhamuun himataman.

Gama biraan Maaynamaar keessatti hiriira mormii lubbuu galaafate kan guutuu biyyattii keessatti geggeessameen namoonni 18 du’anii hedduun mada’uu waajirri mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee guyyaa tokko booda humnootiin naga eegdotaa har’a hiriirtota mormii Yangoon keessaa bittimsuuf jecha gaazii imimmaansu biifanii boombii harkaa darbachuun isaanii ibsamee jira.

Yunaayitid Isteetisii fi biyyoonni gmaa dhiyaa kanneen biroon Suu Shii fi michoonni isaanii kanneen biroon hiikamanii mootummaan siivilii bakkatti akka deebi’u gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG