Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetisii fi Itiyoopiyaan Sagantaa Seeftii Neet Haaraa Labsan 


Yunaayitid Isteetisii fi Itiyoopiyaan Sagantaa Seeftii Neet Haaraa Labsan (Suuraa:USAID, Imbaasii Yunaaytid Isteets Finfinnee jiru irraa argame)
Yunaayitid Isteetisii fi Itiyoopiyaan Sagantaa Seeftii Neet Haaraa Labsan (Suuraa:USAID, Imbaasii Yunaaytid Isteets Finfinnee jiru irraa argame)
Yunaayitid Isteetis waggoota shanan itti aanan keessa sagantaa oomisha Seeftii Net kan (PSNP) jedhu jalqabuuf mootummaa Itiyoopiyaa waliin ta’ee jira. sagantaan kun wabii nyaataa kan qarshii biliyoona heduu, hojii mootummaa fi sagantaa seeftii neetii hawaasaa kanneen Itiyoopiyaa keessaa gargaarsa fedhaniif oola. Sagantaan PSNP jedhu deggersa Ameerikaan jalqaba kan hundeeffame bara 2005 keessa ture. Akka biyya argoomtu isee ijootti jarmayaan gargaarsa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis USAID gumaacha doolaara miliyoona $550 kennee jira. kan har’a labsame kun, investimentii itti dabalaa walumaa gala doolaara biliyoona $2.2 kan mootummaa fi michoota Itiyoopiyaa kan sadarkaa addunyaa PSNP keessa jiranii ti.

Waggoota shanan itti aanan, PSNP waggaa waggaatti gargaarsa midhaan nyaataa fi maatiiwwan hiyyummaa keessaa baasuuf tajaajila kennuun uummata miliyoona sagal dhaqqabuuf jira.

Ministeerri dhimma maallaqaa Ahimed Shidee fi ministeerri qonnaa obbo Umar Huseen sagantaa haaraa kana jalqabsiisaniiru.

Finfinnee keessatti sirna geggeessame irratti USAID, baankii adduyaa, dhimma alaa Briteen, tokkummaa biyyoota wal ta’anii fi waajjira misoomaa, sagantaa nyaata addunyaa UNICEF, dhaaba gargaarsa Iirlaand, dhaabbata Nezerlaandsii argamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG