Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al-Shabaab Filannoon Jabuutii Utuu Hin Dhaqqabin Dura Ibsa Doorsisaa Kenne 


Hoogganaan garee al-Shabaab kan Somaaliyaa keessaa filannoon prezidaantummaa biyyattii gaanfa Afriikaa utuu hin dhaqabin qabeenyaa fi bakka buutota Ameerikaa fi Ferensaayiin ilaallatan kan Jibuutii keessaa akka haleelu gaafatee jira.

Audioo haaraa ba’een, Ahimed Omaar Abu Ubaaidaah hoogganoonni Jabuutii biyyattii gara maadhee waraanaa bakka waraanni martinuu musliimota gaanfa Afriikaa keessaa irratti irraa karoorsamutti jijjiiraa jiru jedhee jira.

Abu Ubaidaah keessumaa dargaggoonni dhuunfaa dhaan lammiwwan Ferensaayii fi Ameerikaa gamasii baasuuf duula ajjeechaa dhuunfaan akka geggeessan gaafatee jira.

“Qabeenyaa Ameerikaa fi Ferensaay ilaallatan kan Jabuutii irratti fuuleffachuu kan akkaan dursa kenninuuf ha ta’u” jedha sagaleen waraabamee marsariirii al-Shaab irratti maxxanfame.

Abu Ubaidah akka jedhetti gareen isaaa kanneen yoo dirqama jihaadaa guutuu dhaban kanneen Jabuutii keessaa godaanuuf fedheanii dahata amansiisaa kennu akkasumas leenjisuuf qopheessuu ni dandeenya.

Kan Jabuutii keessa maadheffate waaltaana ajajaa Afriikaa kan Ameerikaa (AFRICOM) ergaa haaraa hoogganaa al Shabaabiif deebi kennee jira. Dubbi himaa kan ta’a Coloel Christopher Karns VOA sagantaa Afaan Somaalef akka ibsanitti waaltaan ajajaa Afriikaa kan US waa’ee waraabbii sagalee dhiyeenyahaleellaa qabeenyaa Ameerikaa fi Ferensaay kan Jabuutii keessaa ilaalchisee ba’ee quba qaba jedhan. Waaltaan ajajaas ibsa kana haalaan irratti fuuleffata jedhan.

“Al-Shabab qabeenyaa US ilaallatan kan gaanfa Afriikaa keessaaf yaaddoo ta’uu itti fufee jira. kanaaf caasaalee al-Shabab irra dhiibbaa kaa’uu itti fufuu fi balaa inni naannoo sana isa irras darbee dhaqqabsiisuu malu adda baasuun kan barbaachiseef jedhan.

Yunaayitid Isteetis loltoota ishee irra jireessa baatii Amajjii keessa ajaja Doonaald Traaampiin Somaaliyaa keessaa baastee jirti.

Lakkoobsi angawoota waraanaa US kan Somaaliyaa keessaa namoota 65-800 ga’u. loltoonni Yunaayitid Isteetis murna waraanaa Somaaliyaa kan Danab jedamu deggeruu fi gorsuun tajaajilanniiru. Waraanni US al-Shabab irratti qilleensa irraan haleellaa samii irraanii geggeessaa ture. Erga prezidaanti Joo Baayiden aangoo qabatanii haleellaan samii irraan geggeessame kan mirkanaa’e hin jiru. Angawoonni waraana Somaaliyaa jalqaba baatii kanaa, haleellaaleen al-Shabab irratti geggeessamu xiqqaachuun garee finxaaleyyii kanaaf jajjabina itti dabalaa kenna jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru. Karns akka jedhanitti halellaan samii irraanii filannoo akkuma ta’etti tura.

Jabuutiin qaama garee waraanaa ta’uun tajaajilu kan gurmuu naga eegumsa kan gamtaa Afriikaa Soomaaliyaa keesaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG