Xurree ittiin seenan

Breaking News

Suluulli Suweez Kan Masrii Keessatti Dooniin Danqame Hanga Tokko Sosso’uu Dandaee Jira 


Sulula Suwiiz kan Masrii keessatti doonii meeshaa fe’ate dabarsuuf kanneen hojjetan doonittii danqamtee bishaan irra sosso’uu akka dandeessu godhanii jiran.

Dooniin sun imala isee itti fufuuf ykn gara hojii idileetti deebi’uuf yeroo akkamii akka fudhate battala hin ibsamne.

Gabaasi har’a ganamaa kan dhaga’ame erga daandiin dooniin irra kutee deemu kan galaana diimaa fi galaana Mediternaaniyaan wal agarsiisu torban tokko yeroo ta’uuf danqamee booda.

Tattaaffiin ta’e sun ededa suluula sanaa hanga tokko qotanii yabalaawwan cimoon doonittii harkisanii akka baasan taasisamee jira.

Hojjettoonni kana irratti bobba’anis bishaan ga’aan sulula sana keessatti nam’uun doonittii dabarsa jedhanii kan abdatan yoo ta’u qiyyaafati sadarkaa addunyaas sana ture.

Erga dilbata galgalaa qabee doonilee 360 ta’antu sulula sana seenuuf eegaa turan.

Masriin hojii sulula Swiiz itti fufuuf hawwaan eegaa kan jirtu yoo ta’u waggaatti galii doolaara bilioona $5 hanga biliyoona $6 argatti. Kampniin inshuraansii Jarmanii kan Allianz jedhamu, guyyaa guyyaatti daqamuun sulula kanaa daldala addunyaa doolaara biliyoona $6 hanga biliyoona %10 kasaarsuu danda’a jedhee jira.

Daafoon danqaa kanaa duruu mul’atee jira. Sambata darbe Siiriyaan dhiyeessii fe’umsa boba’aa eegaa utuu jirtuu dhiyeessii boba’aa murteessuu jalqabdee jirti. Romaaniyaa irraa kan deeman doonileen 11 kanneen hoolota 130,000 baatan illee dhiibbaan irra ga’ee jira.

Dhaaboliin dooniilee hangi tokko doonilii naannoo tuqaa Cape of Good Hope, kan gama kibbaa ykn ardii Afriikaa irra maqsanii naannessuu dhaan boodatti harkifachuu doonilee kanaaf deebii kennanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG