Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka COVID-19 Jalqaba Argame Ilaalchisuun Ba’iin Qorannaa Beeksisamuuf Jira: Hogganaa WHO 


Faayilii - Bakka bu'aa WHO akkaataa tamsa'ina COVID-19 oggaa ibsan, Wuhaan, Chaayinaa Feb. 9, 2021.
Faayilii - Bakka bu'aa WHO akkaataa tamsa'ina COVID-19 oggaa ibsan, Wuhaan, Chaayinaa Feb. 9, 2021.

Hoogganaan jaarmayaa fayyaa addunyaa, deggersa jaarmiyichaan ba’ii qorannaa geggeessamee kan dhimma jalqaba COVID-19 eessaa akka argame jedhuu fi miliqee ba’uu iyyuu, yaadawwan martinuu hafanii kan jiraniif qorannaa itti dabalaa kan irratti geggeessamu ta’uu ibsan.

The Associated Press dilbata kaleessaa akka gabaasetti koppiin qorannaan gamtaan WHO fi Chaainaa kan bakka COVID-19 keessatti argame ilaallatu xumurri isaa vaayiresiin kun kan daddarbe simbira halkanii irraa gara namaatti karaa beeladaalee ka biroo ta’uu akka malu beeksisee jira.

Dr. Teedroos Adaanoom Jeneevaa keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin gabaasa sana xumura torbanii argachuu isaanii amananii hayyoota gurmuu sanaan kibxata dhuftu sirnaan beeksisama jedhan.

WHOn jalqaba waggaa kanaa bakka vaayiresiin kun jalqaba argame akka qoratuuf garee hayyootaa Chaayinaatti ergee jira. Qeeqxonni qorannaa garuu kan Chaayinaan akka arganiif isaaniif eeyamte qofaatti murtaa’e jedhanii jiran.

XS
SM
MD
LG