Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aleeksi Naavalany Qorannaa Vaayrasii Koronaaf Hospitaala Mana Hidhaa Geeffame


Mormituun Siyaasa Raashiyaa Aleeksi Naavalany qorannaa vaayrasii Koronaaf hospitaala mana hidhaa geeffamuu midiyaan biyyatti gabaasanii jiru.

Naavalany mana hidhaa sana keessa weerarri dhukkuba Sombaa jiraachuu ibsuun midiyaa hawaasaa irratti erga facaasee sa’atilee hanga tokko booda gaafa Wiixataa hospitaala seene. Kana malees akka qufa’uu fi ho’ii qaama isaa guddaa ta’u ibsee ture.

Torban dabree wal’ansa fayyaa kan hatattamaa argachuuf jecha nyaata lagachuun isaa eega beeksisee booda waa’een fayyaa isaati yaaddeessa ta’e jira.

Naavalaany hidhaa irratti muramee kan waggaa lamaa fi walkkaa fixuuf mana hidhaa Moskoo irraa faageenya Kiloo Meetra 100 irra jiru keessatti argama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG