Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaallii COVID-19 astraZeneca Ilaalchisee Biyyoonni Qajeelfama Haaraa Baasan 


Biyyoonni hedduun erga to’attoonni dhimma dawaa gamtaa Awrooppaa talaalliin COVID-19 kan AsrtaZeneca kantaruu dhiigaa tarii lubbuu galaafatu waliin wal qabachuu labsanii booda akkaataa fayyadama isaa ilaalchisee qajeelfama haaraa baasanii jiran.

Briteen bakka talaalliin kun oomishtoota daawwaa Swidini fi hayyoota saayinsii Yuniversitii Oxford waliin ta’uun keessatti oomishame akka jettetti, ga’eessota waggaa 30 gad jiraniif talaallii ka biroo ni dhiyeessiti. Qorattoonni Oxford yaalii talaallii AstraZeneca kan ijoollee fi dargaggoota irratti yaalamu ennaa qorattoonni dhimma dawaaa Briteen xiixala geggeessanitti addaan kutee jira.

Rooyiters akka jedhetti Spain fi Filippiins maangoddoota waggaa 60 ol jiraniif talaallii kannamu kan murteessan ta’uu yoo beeksisan, gaazixaan Washington Post akka gabaasetti Xaaliyaaniinis qajeelfama wal fakkaatu baastee jirti jedhe.

Dhaabni dawaa Awrooppaa kaleessa akka jedhetti sababaa talaallee AstraZeneca-n kantaruun dhiigaa dhaqqabu hagas ta’uu baatus, garuu walumaa gala faayidaan isaa balaa isa kamiinuu dhaqqabsiisuu irraa walaba ta’uu akka qabu ibsuuu itti fufee jira. kantaruu dhiigaa mudateen Awrooppaa keessaa yoo xiqqaate namoonni 14 du’uun ibsamee jira.

Yunaayitid Isteetis keessaa waaltaan to’annoo fi dhukkubootaa akka jedhetti kan baatii Muddee keessa jalqaba Briteen keessatti argame gosi vaayiresii koronaa haarawaan, amma guutummaa biyyattii waliin ga’ee jira. CDCn baatii Amajjii keessa vaayiresiin akkaan daddarbuuf daran lubbuu galaafatu kan Briteen keessatti argame kun baatii Bitootessaa keessa US keessatti akka heddummaatu tilmaamee ture.

Vaayiresichi amma iyyuu dhiibbaa nu irraan ga’aa jira, namoota hedduu miidhaa jira. kanaaf of eeggachuu qabna jechuu dhaan daarikdterri CDC Dr. Rochelle Waesky ibsa White Housetti kennaniin beeksisaniiru. Yunaayitid Isteetis keessaa namooni miliyoonni 30 vaayiresii koronaan yoo qabaman, kanneen 559,116 du’aniiru. Kunis addunyaa irraa biyya isa kamiinuu caalaa lakkoobsa guddaa ta’uu waaltaan qorannaa dhimma vaayiresichaa kan Joons Hoopkins beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG